Dhaloota Uumamaa
Tiyooriin Big Bang akka ibsutti, Yuunivarsiin keenya naannoo waggoota biliyoona 13.8 uumame. Yeroo Jalqabu, Universiiin keenya haalaan xiqqaa, hoo`aa fi ulfaataa ture, yeroo kun singularity jechuun beekkama. Yeroo gabaaba keessatti, qabxiin xiqqaan daangaa hin qabne kun akka tasaa dhukka`ee, babal’atee, uumama har’a ilaallu kana uume. Big Bang jechuun dhukkaa guddaa jechuudha. Yeroo kana dura uumani-universiin hanga nuclues Atomii irra xiqqoo turte. Space fi yeroon hin jirtu, matter-uumamni tokkolleen hin jiru. Dhukkaa kana boodaa space time, fi matter tartiibaan fi suuta suutaan uumaman.
Big Bangiin yaad rime-theory hawaasaa saayinsii keessatti hedduu fudhatama qabuu fi mirkanii fi ragaaa baa`ee qabuu dha. Fakeenyaaf, ragaan ijoon tokko, raadiyaashiniin duubaa maaykirooweeyii koosmii(cosmic microwave background radiation), jechuunis Raadiyeeshiniin kun haftee ho'a cimaa Big Bang yeroo muraasa booda tureedha. Raadiyeeshiniin kun yeroo amma Universii keenya gara hundaan ni mu`ata. Ragaan dabalataan, galaxiin walirraa fagaachaa deemuudha. Galaxiin walirraa fagaachaa deemu fi hawaa(space) bal`achaa deemuun yaad-rimee(theory) big bang wajji wal simata(ni mirkaneessa).
Suuuraa: Tiyoorii Big bangiii
Attribution: https://creativecommons.org/licenses/by/2.0/
Uumama Galaaksii
Galaaksii jechuun tuuta Urjiilee jedhuudha. Urjiilee baayeen humna harkisa lafaa(gravity) walitti harkifamanii galaaksii uumu. Isaanis bifaafi guddina adda addaa kan akka galaaksii ispiraalii, eliiptikii fi kkf kan qaban siʼa taʼu, tokkoon tokkoon isaanii urjiilee biliyoonaan lakkaaʼaman hanga tiriiliyoonaan lakkaaʼaman of keessaa qabu. Galaaksiin nuti keessa jirru Milkyway jedhama.
Dhaloota Urjiilee
Bing bang booda atomiin yeroo jalqabaaf uumame gaasa Haydroogiin(H2)dha. Sababa harkisa lafaa(gravity) gaasni Haydroogiinii baay`een walitti dhufuun fi oowwa guddaa keessa walnyaatinsa fiyuushinii niwukilaraadhaaf gahaa ta’a. Fiyuushiniin niwukilaraa adeemsa atoomota lama walitti makuun atoomii guddaa uumuudha. Haayidroojiiniin baay’inaan argamu walitti kufee atoomii Heeliyum ulfaataa ta’e uuma. Adeemsi kun anniisa guddaa bifa ifaafi ho’aatiin gadi lakkisee urjii haaraa uuma. Aduun keenya haayidiroojiinii irraa hojjetame; jireenyi isaas fiyuushinii niwukilaraa irratti hundaa’a
Suuraa: Dhaloota Urgii
Maddi: https://commons.wikimedia.org/ irraa kan fudhatame
Uumama Pilaaneetotaa
Pilaaneetonni kan uumaman hafe uumamuu urjii irraati. Pilaaneetiin hambaa uumama urjii irraa haferraa tolfamu. Urjiin yoo uumamu meeshaalee pilaaneetii uumuuf barbaachisu kan akka dukkee fi gaasaa adda addaa hambisu. Isaan kun geengoo(disk) uumuudhaan urgiin naannayu. Meeshaan diskiiwwan kana keessa jiru, humna graviitiin, walitti makamuu fi walitti bu’uun, paartiikiliin jajjaboo uumu, dhuma irratti gara pilaaneetiisimaalotaa fi pirootopilaaneetotaatti guddatu. Yeroo dheeraa booda harkisaa pirootopilaaneetota kanaa naannoo isaanii irraa gaazii fi dhukkee walitti qabuun pilaaneetota uumu.